Fana: At a Speed of Life!

Naannoo mana jireenyaa preezdaantii Nijeeritti dhukaasni dhaga’ame

Finfinnee, Bitootessa 22, 2013 (FBC)- Naannoo mana jireenyaa preezdaantii Nijeeritti waljijjiirraan dhukaasa dhaga’amuu miidiyaaleen idil addunyaa gabaasaniiru.

Magaalaa gudditti Niyaamiitti sagaleen dhukaasaa daqiiqaa 30f dhaga’amuu ibsameera.

Firaans 24 gama isaatin biyyaattitti fonqolchi mootummaa gaggeeffamuu gabaaseera.

Nijeeriitti dhiyeenyaa filannoon gaggeeffaamuun isaa ni yaadama.

Filanniichan preezdaantiin duraanii Mahaamaan Osmaan injifatamaniiru.

Aangoochaas Ministira biyyaa keessaa kan turaan Mahaammad Boozuum fudhataniiru.

Preezdaantiin biyyatti duraanii Mahaamaan Osmaan bu’aa filannichaa fudhatama kan dhabsiisaan yoo ta’u, manni murtii injifannoo Mohaammaad Baazuum mirkaneessera.

Injifatamuu preezdaantiin duraaniin boodaa sochiin humnoota hidhatanii mul’dhachuu dhaga’ameera.

Madd:-Aljaziiraa fi kanneen biroo

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.