Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti Ashaaraa Magariisaa milkeessuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2013 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti Ashaaraa Magariisaa milkeessuuf hojjetamaa jira jedhameera.

Godina Gujii Aanaa Haroo Wolaabuu Sagantaa Ashaaraa Magariisaa milkeessuf Boolla Biqiltuu qopheessaa jiraachuu ibsame.

Qonnaan Bultoonni Godinichaa Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Adoolessa 22 bara 2013 dhufaa jiru dhaabamuuf Boolla Biqiltuu fedhii isaaniitiin qopheessaa jiraachuu dubbataniiru .

Akka Aanaa Haroo Wolaabuutti hanga ammaatti sochii taasifamaa jiruun Boolli Biqiltuu kumni 900 ol qaphaa’uu isaa Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa fi Qabeenya uumamaa Aanaa Haroo Wolaabuu Obbo Haayiluu Baallii ibsaniiru.

Haaluma walfakkaatun ,Hojjattoonni Ministeera bishaan jallisii fi inarjii ,Godina Addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee aanaa barraaq keessa guyyaa har’aa biqiltuu dhabuun isaanii ni yaadatama.

Sagantaa dhaabbii biqiltuu kanarratti argamuun haasaa kan taasisan  Mnistirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Iinarjii Dooktar Injinar Silashiin Baqqalaan ashaaraa magariisaa milkeessuu karoora dhaabbii biqiltuu biiliyoona 6 qabamee hojjetamaa jiru galmaan gahuu keessatti hunduu tumsuu qaba” jechuun dhaamuu isaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaarra argamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.