Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Somaaleetti bara kana callaa kuntaalaa miiliyoona 28 walitti qabuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 12, 2015 (FBC) – Naannoo Somaaleetti bara kana callaa kuntaalaa miiliyoona 28 walitti qabuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Yeroo ammas Godina Faafan aanaa Tullii Gulleeditti Qamadiin ga’e walitti qabamaa jira jedhame.

Naannoo Somaaleetti hongee irra deddeebiin ga’u ittisuuf hojiileen hedduun hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Oomisha Qamadiif xiyyeeffannoo olaanaa laachuun hojii hojjetameen Oomisha naannicharra darbee biyyaaf ooluu argachuuf hojjetamaa jiraachuu eerameera.

Aanichatti bara kana qofa lafti hektaarri kumni 83 Oomisha Qamadiin kan uwwifame yoo ta’uu, yeroo ammaas hojiin walitti qabuu hojjetamaa jiraachuu ragaan Biiroon Kominikeeshnii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Sassaabbii walitti qabamaa jiru kanaanis callaan kuntaalli kumni 987 ni argamaan kan eegamu ta’uu himameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.