Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Tigraayitti sirna baruufi barsiisuu addaan cite ture deebisuuf qindoominaan hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Guraandhala 6, 2015(FBC)- Naannoo Tigraayitti sirna baruufi barsiisuu sababa walitti bu’iinsaan addaan cite ture deebisuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Waliigaltee nageenyaa mallatteeffame hordofee naannichatti manneen barnootaa hojii eegalchiisuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Hohii Raawwachiistuun Qunnamtii Ummataafi Kminikeeshinii ministeerichaa Amalawarq Hizqeel ibsaniiru.

Waliigaltee nageenyaa hordofee jilli ogeeyyii ministeerichaa haala manneen barnootaa sadarkaa 1ffaafi 2ffaa naannichaa qorachuuf imale ragaalee barbaachisoo walitti qabatee deebi’uu kaasaniiru.

Gareen hoggansaa ministeerichaas gara naannichaatti imaluun haala manneen barnootaa hojii eegalchiisuun danda’amurratti qaamolee dhimmamtootaa waliin mar’achuu ibsaniiru.

Tajaajila barnootaa naannichatti addaan cite ture irra deebiin eegalchiisuuf karoora waloo qopheessuun qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Faanaa Biroodkaasting Koorporeettitti himaniiru.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

#Ityoophiyaa #Ethiopia #Tigray

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.