Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Amaaraa misooma waaraa fi tasgabba’aa raawwachuuf hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu cimaa hojjetaa jira-Dr Yiliqaal

Finfinnee, Caamsaa 10, 2014 (FBC)- Naannoon Amaaraa misooma waaraa fi tasgabba’aa aawwachuuf hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu cimaa hojjetaa jira jechuun Preezdaantiin Naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffalaan ibsaniiru.

Dooktar Yiliqaal ibsa gaazexeessitootaaf laataniin, naannichatti uummata walitti buusuu, nageenya dhabamsiisun hojii misoomaarratti ciminaan akka hin hojjetamneef humnoonni keessaa fi alaa waloon hojjetaa jiru.

Rakkichi ittisuun nageenya hawaasichaa eegsisuuf hojiin qinda’aa olaantummaa seeraa kabachiisuu hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Keessayyu amantaa fi sabummaa da’oo godhachuun dhimmota tokkummaa uumatichaa balaarraa buusan adda baasuun kallattii Manni Maree Nageenyaa naannichaa kaa’en hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu raawwatamaa jira jedhaniiru.

Hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu humnooni nageenyaa naannichaa raawwataa jiran dargaggoonnii fi hawaasni hundi ga’eesaanii akka ba’an waamicha dhiyeessuusaanii TOI gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.