Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Gaambeellaa misooma indaastirii oomishaa qabeenya uumamaa bu’uureffateef qophiidha- Obbo Umood Ujuluu

Finfinnee, Caamsaa 12, 2014 (FBC) – Naannoon Gaambeellaa misooma indaastirii oomishaa qabeenya uumamaa bu’uureffateef qophii ta’uu Preezdaantiin naannichaa Obbo Umood Ujuluun ibsan.

Hoggantoonni olaanoon  Intarpiraayizii Ityoophiyaa hoggantoota olaanoo naannoo Gaambeellaa waliin misooma intarpiraayizii irratti mari’ataniiru.

Marichaan qabeenyi naannichi damichaan qaburrattii fi fayyadamummaa diinagdee biyyaalessaarratti qaburratti mari’ataniiru.

Waltajjichaan waraqaan qorannoo mijattummaa naannichaa, rakkoolee mudachuu malanii fi furmaata isaaniirratti dhaabbatichaan qophaa’e dhiyaachuu ragaan Intarpiraayizicharraa argame ni mul’isa.

Preezdaantiin naannichaa Obbo Umood Ujuluun naannichi misooma indaastirii oomishaa qabeenya uumamaa bu’uureffateef qophii ta’uu fi sochii bal’aan taasifamaa jiraachuu eeraniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.