Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Kibbaa qabeenyaa damee albuudaarraa argatuu fooyyeessuu dandeessisuurratti marii waliigaltee gaggeesse

Finfinnee, Hagayya 14, 2013 (FBC)-Ministeerri Albuudaa fi Inarjii naannoon Kibbaa qabeenya damee albuudaarra argatuu dhimmoota fooyyeessaan irratti magaalaa Hawaasaatti marii gaggeesseera.

Itti aanaa preezdaantii naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaa, misoomni qabeenya albuudaa faayidaan inni biyyaaf qabu olaanaa ta’uusaan naannichii xiyyeeffannoo laatee ni hojjeta jedhaniiru.

Iddoowwan warqeen bahuun bu’uraalee misoomaa akka guutuu fi nageenyaa mirkaneessuuf ni hojjennaa jedhaniiru.

Ejansiin albuudaa fi inarjii Naannoo Kibbaa bara baajata 2013 warqee kiiloo giramaa 400 baankii biyyooleessaaf dhiyeessuu karoorsee warqee kiiloo giraamaa 287 dhiyeessuunsaa ibsameera.
Bara baajata 2014 ammoo warqee kiiloo giraamaa 700 galii taasisuuf karoorseera.

Ministirri Ministeera Albuudaa Fi Inarjii Injinaar Taakkalaa Uumaan gama isaaniin, damee albuudaan fedhii biyyoolessaarratti xiyyeeffachuu fi gabaa biyyaa alaa guddisuun kallattii mootummaa gara fuula duraa ta’uu himaniiru.

Kanaafis naannichaaf deeggarsi barbaachisaan ni taasifamaaf jechuusaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa naannichaarra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.