Fana: At a Speed of Life!

Naayijeeriyaatti namni yeroo jalqabaaf vaayrasii koroonaaf saaxilamee argame

Finfinnee, Gurraandhala 20, 2012 (FBC) – Naayijeeriyaatti namni yeroo jalqabaaf vaayraasii koroonaaf saaxilamee argameera.

Namicha lammii Itaalii yoo ta’u, Miilaan irraa guyyoota lama duraa Naayijeeriyaatti akka deebi’e Ministirri Fayyaa Naayijeeriyaa Osaagee Ihaanir beeksaniiru.

Bu’aan qoraannoo yaalaa fayyaa isaa akka agarsiisutti dhukkubsatichi mallattoolee hamaaf isa saaxilu hin qabu jedhameera.

Namni kun erga Naayijeeriyaa seenee namootattii dabarseera yoo ta’eef, hojiin namoota adda baasuu raawwataa turre jedhan.

Namichii vaayrasichaan saaxilamee kun nama biyyoota Sahaaraan gaditti jiraniif isa jalqabaati jedhameera.

Maddi:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.