Fana: At a Speed of Life!

Naayiroobiin Awutoobisii jalqabaa humna Elektiraan hojjetu ifoomsite

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2015 (FBC) – Magaalaan guddittii Keeniyaa Naayiroobiin Awutoobisii jalqabaa humna Elektiraan hojjetu ifoomsiteerti.

Magaalaa magariituu iftuu jedhamuun kan beekkamtu Naayiroobiin Awutoobisa Humna Elektiraan hojjetu eegaluun ishee jijjiirrama qabeenya qilleensaa ittisuuf gumaacha olaanaa qaba jedhameera.

Dhaabbanni Room jedhamu magaalichatti argamu konkolaataa Awutoobisii namoota 77 fe’uu danda’u humna elektirikaan hojjetu kana ifoomseera.

Konkolaataan kun sa’aatii lamaaf yoo Chaarjii guuttate Kiiloo Meetira 360 imaluu danda’a jedhame.

Sa’aatii tokkottis lafa kiiloo meetira 70 imaluu akka danda’us eerameera.

Geejjibni Elektirikaa kun Keeniyaa qofatti kan hin daangoofne ta’uu dhaabbatichi ibseera.

Biyyoota Afrikaa biroos fayyadamoo taasiisuuf kan hojjetu ta’uu himeera.

Konkolaataan Humna Elektirikaan socho’u kun lammiileef mijataa, amansiisaa fi gatii madaalawaan akka tajaajila argatan kan dandeessiisu ta’uu Qindeessaan Piroojektichaa Deeniis Waakaabaa himaniiru.

Awutoobisoonni akka kanaa hundaa caalaa dhiibbaa Jijjiirrama qabeenya qilleensaan lammiileerra ga’u hir’isuuf qooda olaanaa qabaachuu dubbachuu ‘African News’ gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.