Fana: At a Speed of Life!

Namoonni dhuunfa lakkooftuuni ijaarraa sababeeffachuun hojii alseerummaa raawwataan waan jiraaniif uummanni of eeggannoo taasisuu qaba jedhame

Finfinnee, Amajjii 24, 2013 (FBC)- Namoonni dhuunfa lakkooftuu humna elektirikaa ni galchina jechuun hojii alseerummaa raawwataan waan jiraaniif hawaasni of eeggannoo akka taasisuu Tajaajilli Humna Elektirikaa Ityoophiyaa yaadachiise.
Tajaajila humna elektiriikaa waliin wal qabsiisee gaaffiwwan ka’an biroof deebii kan laate dhaabbatichi, hojii seeraa qabeessaan alatti hojjettoota dhaabbatichaa fakkaachuun namoonni dhuunfa lakkooftuu humna elektirikaa ni galchina jechuun karaa seeraan alaa hawaasarra maallaqa akka fudhataan dhaabbatichi eeruu isaa qaqqabbee fi sakattoo taasiseen mirkaneessu ibseera.
Dhaabbatichi gaaffii lakkooftuu humna elektirikaa haaraa jiru sirna ofiisaatii diriirsee hojjechaa jiraachuu ibseera.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf; Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.