Fana: At a Speed of Life!

Neeppaalitti xiyyaarri kufuun lubbuun namoota 40 darbe

Finfinnee, Amajjii 7, 2015 (FBC) – Giddugaleessa Neeppaalitti balaa xiyyaarri kufuun mudateen yoo xiqqaate lubbuun namoota 40 darbuun gabaafame.

Imaltoota 72 qabatee Kaatimaanduurraa gara Paakihaaraatti balali’aa kan ture xiyyaara qabeenya Daandii Qilleensaa Yatii ta’uun ibsameera.

Balichi kan mudate naannawaa buufata xiyyaaraa Neeppaalitti wayiita qubachaa jiru ta’uun eerameera.

Haaluma kanaan hanga ammaatti reeffii namoota 40 argamuu BBC’n gabaaseera.

Muummeen Ministiraa biyyattii Puushtaa Kaamaal kaabinee isaanii walga’ii hatattamaaf waamuu fi hojjettoonni yeroo balaa naannawaa balichi mudateetti hojii lubbuu baraarsaa hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.