Fana: At a Speed of Life!

Niiw Zilaand namni vaayrasii koroonaatin qabame akka hin jiraatin beeksiste

Finfinnee, Waxabajjii 1,2012(FBC)- Niiw Zilaand namni vaayrasii koroonaatin qabame akka hin jiraatin beeksiste.
 
Muummeen ministiraa Niiw Zilaand; Jaakiindaa Ardan akka ifoomsanitti biyyattiitti namni vaayrasichaan qabame hin jiru.
 
Manneen barnootaa fi hojiin kan banamu ta’uus ibsaniiru.
 
Walga’ii fi imallis daangaa malee eegalama jedhaniiru.
 
Walirraa hiiqinsi qaamaa hojiirra kan oolu akka ta’ee fi daangaan biyyattii cufaa akka turu eeran muummee ministirittiin.
 
Imaltoonni biyya alaatii gara biyyattii seenan torbee lamaaf tursa adda baasuu kan seenan ta’a.
 
Namni vaayrasichaan qabame jiraachuu dhabuudhan ala, guyyoota 17n darban keessatti qorannaa gaggeeffameen namni vaayrasichaan qabame hin jiru jedhameera.
 
Namni vaayrasichaan qabame akka hin jiraatinii fi biyyattiitti tamsa’inni vaayrasichaa ega dhaabbatee guyyoota 40 guutuu eeraniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Maddi; CNN
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.