Fana: At a Speed of Life!

Nuukteek buufataalee guumruukaatti maashinoota to’annoo dhaabufi

Finfinnee, Amajjii 1,2012(FBC)- Nuukteek buufataalee guumruukaa Ityoophiyaatti maashinoota to’annoo dhaabufi.
 
Ityoophiyaa fi Chaayinaan sirna guumruukaa ammayyeessuuf akkaataa kanaan dura waliigalaniin, dhaabbanni Chaayinaa Nuukteek Ityoophiyaa dhufeera.
 
Ministirri Ministeera Galiiwwanii FDRI aadde Adaanach Abeeben, torbee jalqabaa baatii Muddee keessa wayita Chaayinaa daawwatanitti hoggansa Bulchiinsa Guumruukaa Chaayinaa waliin mari’achuun isaanii ni yaadatama.
 
Haaluma kanaanis dhaabbanni Chaayinaa Nuukteek maashinoota to’annoo guumruukaa buufataaleerratti dhaabuuf ogeeyyiisaa ergeera.
 
Sirna guumruukaa ammayyeessuuf Ityoophiyaa fi Chaayinaan waliigaltee odeeffannoo waljijjiiruu magaalaa Finfinneetti walii mallatteessuun, koree teeknikaas hundeessuu fi tumsa teeknikaa laachuuf waliigalaniit turan.
 
Nuukteek akkaataa waliigaltee Guumruuka Chaayinaa fi Koomiishinii Guumruukaa Ityoophiyaatin maashinoota to’annoo dhaabuun, deeggarsa teeknikaa ni laata.
 
Jila dhaabbata Chaayinaa kanaaf ministirri Ministeera Galiiwwanii aadde Adaanach Abeebee fi koomiishinarri Koomiishinii Guumruukaa obbo Dabalee Qaabataa fi hoggansi ministeerichaa biroon simannaa taasisaniifiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.