Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti jila itti aanaa barreessaa olaanaa nageenyaan durfamu waliin mari’atan

Finfinnee, Qaammee 1, 2013 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti jila itti aanaa barreessaa olaanaa nageenyaa Joon Piiyyeer Laakrooyiksiin durfamu waliin mari’ataniiru.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti humni nagaa kabachiisaa Ityoophiyaa gumacha olaanaa taasiisu obbo Dammaqaan ibsa taasiisaniiru.
Keessattuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti humni nagaa kabachiisaa Ityoophiyaa bulchiinsa Abiyyeetti nagaa fi tasgabbiin akka bu’u qooda olaanaa taphachuu ibsaniiru.
Joon Piiyyeer gama isaaniin ergama nageenyaa Ityoophiyaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessatti qabdu dinqisiifachuun, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ergama nagaa kabachiisuu Ityoophiyaa waliin qabu dheereessuu akka barbaadu ibsaniiru.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.