Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan haala waqtaawaa biyyaarratti gita isaanii Noorweeyii fi Ostiriyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 22, 2013 (FBC)- Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makkoonniin haala waqtaawaa biyyarratti Ministira Dhimma Alaa Noorweey Maari Erkisaan fi  Ministirri Dhimma Alaa  Ostiriyaa Aleeksaandaar Shaalenbarg waliin bilbilaan mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan marii bilbilaan Ministerootaa lamaan waliin taasisaniin naannoo Tigraayitti duula olaantummaa seeraa kabachiisuu fi mootumma deeggarsa namooma lammiileef taasisa jiru irratti mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan duulli naannoo Tigraayitti taasifama jiru xumuramaa jiraachuu ibsaaniiru.

Mootumman hojiin deebisaanii dhaabuu eegaluu ibsuun, lammiileef deeggarsa taasisufis dhaabbilee idil addunyaa waliin hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Ministeeronni Noorweeyii fi Ostiriyaa ABUT waliin marii akka taasifamuuf gaaffi dhiyeessaniif deebii kan laataan obbo Dammaqaan mootummaan Ityoophiyaa yeroo mara rakkoo keessoo mariin hiikuuf fedhii qabatus ABUT fedhii dhaabu kaasaniiru.

Lammiilee gara Sudaanitti baqataniif gara biyyaa deebisuuf hojjetamaa jiraachuu kaasuun mootumman kaampii 4 qopheessuu obbo Dammaqaan ibsuu raga Ministeera Dhimma Alaarra arganne ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.