Fana: At a Speed of Life!

Obbo Gadduun Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Muddee 21, 2012 (FBC) –  Ministirri Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa Maaykil Raaynar waliin mari’atan.

Dhimmoota waloo biyyoota lamaanii fi naannichaa irratti mari’ataniiru.

Faayidaa biyyoota lamaanii kabachiisuuf hariiroo fi walitti dhufeenya diippiloomaasii Ityoophiyaa fi Ameerikaa baroota dheeraa kan lakkoofsise ta’uu obbo Gadduun ibsaniiru.

Obbo Gadduun deeggarsa Ameerikaan damee barnootaa, fayyaa fi misooma biroorratti taasisaa jirtu dinqisiifataniiru.

Biyyoonni lamaan naannichatti nageenya waaraa buusuuf hojii hedduu walitti hidhamiinsa qabu hojjechaa jiraachuu ibsuun, hojiilee hojjetaman kanneen caalmaatti cimsuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Maaykil Raaynar gama isaanitiin, jijjiirrama hunda galeessa Ityoophiyaan agarsiisaa jirtu dinqisiifachuun, naannichatti nageenya buusuuf gumaacha Ityoophiyaan taasisaa jirtu dinqisiifataniiru.

Jijjiirramni eegalame galma akka ga’uuf Ameerikaan deeggarsa barbaachisu hunda kan taasiiftu ta’uu dubbataniiru.

Faayidaa ummata biyyoota lamaanii eegsisuuf kan hojjetan ta’uu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.