Fana: At a Speed of Life!

Obbo Ristuun paartiilee siyaasaa naannichaatti argaman waliin mari’ataa jiru

Finfinnee, Fulbaana 19, 2013 (FBC) – Itti aanaa preezdaantiin naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw, paartiilee siyaasaa naannichatti argaman waliin mari’ataa jiru.

Kayyoo marichaas haalaa nageenya naannichaa fi mootummaa fi paartiileen fooramii waliinii hundeessuufi jedhameera.

Maricharratti paartii badhaadhinaa dabalatee paartiileen boordii filannoorratti galma’aan 8 hirmaata jiru.

Marichaan obbo Ristuun, paartiilee morkattootaa fi mootummaa naannichaa rakkoo nageenyaa mudaatu hambisuurra darbe rakkoowwan mudataan mariin hiikuuf qindoominaan hojjetama jedhaniiru.

Hogganaan waajjiraa paartii badhaadhinaa naannoo kibbaa Xilaahuun Kabbadaa, naannichatti paartileen morkattoota hundeeffaman fedhii hawaasa naannicha gutuuf waltajjiin waliinii qophaa’uun rakkoowwan muudatanirratti fala furmaata ka’uuf waliin akka hojjeetan barbaachisaadha jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.