Fana: At a Speed of Life!

Odiingaan bu’aa filannoo kan hin fudhanne ta’uu dubbatan

Finfinnee, Hagayya 10, 2014 (FBC) – Bu’aa filannoo Pireeziddaantumma Keeniyaa kaleessa ifoome kan hin fudhanne ta’uu kaadhimamaa kan turan Raayilaa Odiingaan ibsan.
Raayilaa Oodiingaan bu’aa filannichaa gara mana murtii olaanaa kan fudhatan ta’uu dubbataniiru.
Bu’aa filannoo komishiniin filannoo biyyaalessaa Keeniyaa kaleessa ifoomse kuffisuun filannoo seeraa kamiiyyuu kan fayyadaman ta’uu ibsaniiru.
Komishinichi Wiiliyaam Ruutoon Muummee Ministiraa biyyattii duraanii Raayilaa Odiingaa sagalee dhiphaan injifachuu isaanii ifoomsee ture.
Firii ifoome hordofee Keeniyaatti pireezidaantii 5ffaa ta’uun kan filataman Wiiliyaam Ruutoon uummata biyyattii walqixaan tajaajiluuf qophii ta’uu ibsuu isaanii maddi Oduu Keeniyaa Istaar gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.