Fana: At a Speed of Life!

Oomishaalee huccuu fi uffataaleerraa galiin Doolaarri miiliyoonni 140 argame

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2013 (FBC) – Oomishaalee huccuu fi uffataalee gara biyyoota garaagaraatti ergamanirraa galiin sharafa alaa Doolaarri miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 40 argamuu Inistiityuutiin Misooma Indaastirii beeksiise.

Bu’aa qabeessummaa huccuu fi uffataalee dabaluuf paarkiiwwan Indaastirii ijaarramuun gara hojiitti galuu Daayreekterri olaanaan Inistiityuutii Misooma Indaastirii obbo Silashii Lammaa ibsaniiru.

Oomishaaleen kunneen % 90 gara Ameerikaa, Kaanaadaa, Tuurki, Xaaliyaanii fi Jarmanitti kan ergaman ta’uu ibsaniiru.

Yeroo ammaa garuu sababa weerara vaayrasii koroonaan gara % 60 gadi bu’uu eeraniiru.

Bara 2013/14 lafa heektaara kuma dhibba 1 fi kuma 50 irratti oomisha Jirbii oomishuuf hojjetamaa jiraachuu obbo Silashiin dubbataniiru.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.