Fana: At a Speed of Life!

Oomishtummaa dabaluu fi gabbina biyyoo deebisuuf qooda fudhattoonni qindoominaan hojjechuu qabu jedhame

Finfinnee, Caamsaa 12, 2014 (FBC) – Asiidummaa biyyoo ittisuun oomishtummaa dabaluu fi Gabbina biyyoo deebisuuf qooda fudhattoonni damee qonnaa qindoominaan hojjechuu akka qaban gaafatameera.
Ministeerri Qonnaa, Biiroolee qonnaa naannolee, qorattootaa, abbootii qabeenyaa fi qooda fudhattoota waliin haala Asiidummaa biyyoo hir’isuun danda’amurratti mari’achaa jira.
Oomishtummaa guddisuu fi gabbina biyyoo deebisuuf damee qonnaan xiyyeeffannoo olaanaan yoo hin hojjetamne rakkoon cimaan muudachuu akka danda’u ibsameera.
Ministeerri Qonnaa gabbina biyyoo deebisuuf naannolee fi qooda fudhattoota waliin hojiilee hedduu hojjechaa jiraachuu Ministeera Qonnaatti Daayreektarri fooyya’iinsa gabbina biyyoo obbo Tafarraa Salamoon ibsaniiru.
Naannoo Oromiyaatti aanaalee 14 keessatti lafti hektaarri miiliyoonni 1.7, naannoo Amaaraatti lafa tajaajila qonnaaf oolu keessaa hektaarri miiliyoonni 1.2,Naannoo Kibbaatti lafa qonnaaf oolu keessaa % 44, Sidaamaatti lafti hektaarri kumni 95 ol Asiidummaa biyyoof saaxilamuu himameera.
Asiidummaa biyyoo ittisuuf qaamoleen dhimmi ilaallatu sadarkaa federaalaa hanga naannoleetti jiran qindoominaan hojjechuu qabu jedhamuu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.