Fana: At a Speed of Life!

Oro Fireesh qaal’iinsa gatii tasgabbeessuuf midhaan gosa garaagaraa dhiyeessaa jira jedhame

Finfinnee, Bitootessa 17, 2015 (FBC) – Waldaan Aksiyoonaa Daldalaa kuduraa fi muduraa Oro Fireesh kuduraa fi muduraa dhiyeessaa jiru cinaatti qaal’iinsa gatii tasgabbeessuuf midhaan gosa garaagaraa dhiyeessaa jiraachuu himeera.

Waldichi qaala’iinsa gatii tasgabbeessuuf Biiroo Daldala Oromiyaa, Qonna Oromiyaafi Waldaa Hojii Gamta Oromiyaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu Hoji Gaggeessaa Olaanaan Waldaa Aksiyoona Daldalaa Kuduraa fi muduraa Oroo Fireesh Dooktar Mommaammadamiin Huseen ibsaniiru.

Oroo- freesh Oomishtoota fi shamattootaaf faayidaa olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Qonnaan bulaa fi horsiisee bulaan gatii dadhabbiisaa akka argatan shammattoonnis cancala gabaa gabaabbate keessatti oomisha gatii madaalawaa ta’een akka bitataniif gargaara jedhan.

Magaalaa Finfinnee kutaaa magaalaa 11 iddoon gurgurtaa oomisha kuduraa fi muduraa gabaa sanbataan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Qaal’iinsa gatii midhaan irratti yeroo ammaa mudate tasgabbeessuuf Finfinnee naannoo Saarbeetiifi Boolee 24 jedhamutti Yuuniyeenonnii fi Daldaltoonni Biiroo Daldalaa Oromiyaan adda bahan oomisha isaanii iddoowwan qophaa’an kanatti qindeessummaa Oroo freeshiin akka dhiyeeffatan taasifamaa jiraachuu kaasaniiru.

Oroo-freesh yeroo ammaa kana Finfinnee dabalatee iddoowwan 4tti gidduu gala gabaa hundeessaa jiraachuu eeraniiru.

Magaalaa Maayaa, Baddeessaa, Finfinnee naannoo Saarisii fi Jamootti piroojektii Birrii biiliyoona 2 olii hojjetaa jiraachuu himuu isaanii OBN gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.