Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti bara 2015 qamadii kuntaala miiliyoona 100 argachuuf karoorfame

Finfinnee, Qaammee 2, 2014 (FBC) – Bara 2015’tti qamadii jallisii bonaatin lafa hektaara miliyoona 1 irraa kuntaala miliyoona 38.5 fi qonna Gannaatin lafa heektaara miliyoona 1.7 irraa kuntaala miliyoona 61.5 walitti kuntaala miliyoona 100 argachuuf karoorfamuun ibsame.

Waltajjiin gamaaggama raawwii 2014 oomisha qamadii fi karoora 2015 Naannoo Oromiyaa gaggeeffameera.

Waltajjii gamaaggama kanarratti bara 2014 jallisii Bonaa fi qonna Gannaatiin Godinaalee 21tti lafa hektaara kuma 669 olirraa kuntaala miliyoona 20.1, argachuun akka danda’ame Itti Aanaa Hogganaa fi Itti Gaafatamaan Damee Qonnaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu ibsaniiru.

Bara baajata 2015tti, qamadii jallisii bonaatin lafa hektaara miliyoona 1 irraa kuntaala miliyoona 38.5 fi qonna Gannaatin lafa heektaara miliyoona 1.7 irraa kuntaala miliyoona 61.5 walitti kuntaala miliyoona 100 argachuuf akka karoorfame eerameera.

Raawwiin oomishaa fi oomshitummaa qamadii, galma qamadiin of-danda’uu fi biyya alaatti erguu qabame kan dhugoomsu ta’uu hirmaattoonni ibsaniiru.

Pireezidaantiin Naannoo Oromiya Obbo Shimallis Abdiisaa, hojii oomisha qamadii milkaa’aa ta’uu ibsanii, bara 2015tti hojii damichaa caalmaan milkeessuudhaaf hojiin suphaa paampii fi iskiimoota akka xumuraman, galteewwan qonnaa bal’inaan akka dhiyaatuu fi hojii jallisiirratti hubannoo qonnaan bulaa, hoggansaafi oggeessota misooma akka cimuu kallattii kaa’uu ragaan waajjira Pireezidaantii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.