Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti bara dhufu damee albuudaarraa galii Birrii biiliyoona 2.2 argachuuf karoorfameera

Finfinnee, Hagayya 25, 2015 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti Bara 2016 damee albuudaarraa galii Birrii biiliyoona 2.2 argachuuf karoorfamuu Abbaan Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaa beeksise.

Daayirektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Obbo Bazzuu Waaqbeekaan akka ibsanitti sekteroota Mootummaan Naannoo Oromiyaa xiyyeeffannoo itti kennuun hojjechaa jiru keessaa tokko damee albuudaati.

Naannoo Oromiyaatti gosti albuuda 60 ol jiraachuu qorannoon mirkana’uu himanii, dabalataan albuudaa naannichaatti argaman biroo adda baasuuf qorannoon itti fufiinsaan gaggeeffamaa jira jedhan.

Bara 2015 keessas albuuda irraa Birrii miliyoona 400 argachuuf karoorfamee galiin Birrii miiliyoona 470’n argamuu himaniiru.

Kanaan walqabatee al-ergii albuudaa irraa sharafni alaa Doolaarra miiliyoona 208 ol argamuu dubbataniiru.

Seeraan alummaa daldalaafi daddabarsa albuudaan walqabatee jiru qajeelchuuf sirreessuuf hawaasa naannawaa albuudaa jiran fayyadamtootaa hala taasisuun abbootii qabeenyaa fi abbaa qabiyyee lafa albuudaa walitti fiduun hojjechiisuu, abbootii qabeenyaa, mootummaa fi hawaasa bal’aa walitti fiduun haala bu’aa argamsiisuun danda’amurratti riifoormii taasifameen bu’aa olaanaan argamuu ibsuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Bara kana ammoo xiyyeeffannoo kennuun damicharra galiin Birrii biiliyoona 2.2 argachuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Damichaan bara darbe lammiilee kuma 156.7’f carraan hojii kan uumame yoo ta’u bara kana lammiilee kuma 158 ta’aniif carraa hojii uumuuf hojjetamaa jiraaachuu eeraniiru.

Albuunni qabeenya dhumataa bakka bu’uu hin dandeenye waan ta’eef hawaasni qisaasama irraa akka ittisuufi al-seerummaa albuuda irratti raawwatamu eeruu kennuun tumsa taasisuu akka qabu Obbo Bazzuun hubachiisaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.