Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti barana Abbootii qabeenyaa kaappitaala Birrii biiliyoona 186 ol galmeessisaniif eeyyama Invastimantii kanname

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2015 (FBC) –Bara Baajataa kana naannoo Oromiyaatti Abbootii qabeenyaa kaappitaala Birrii biiliyoona 186 ol galmeessisan eeyyama Invastimantii kennamuu Biiroon Invastimantii fi Indastirii Naannoo Oromiyaa beeksise.

Abbootiin qabeenyaa damee misooma invastimantiirratti akka hirmaatan sirni si’ataafi mijataa ta’e qophaa’uu Hogganaan Biiroo Invastimantii fi Indastirii naannoo OromiyaaObbo Ahimad Idiriis ibsaniiru.

Bara bajataa kana hanga ammaatti piroojektoota Invastimatii kuma 5 dhiyaataan keessaa kuma 3 fi 600 oliif eeyyama laatamuu ibsaniiru.

Abbootii qabeenyaa kuma 3 fi 600 ol kaappitaala Birrii biiliyoona 186 ol galmeessaniif eeyyamni invastimantii kennamuu Obbo Ahimad ibsaniiru.

Piroojektoonni Invastimatii kunneen guutumaan guututti wayita hojii eegalan lammiilee kuma 679 oliif carraa hojii kan uuman ta’uu kaasuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.