Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 178 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 27, 2013 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 178 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 734 hojjetameen vaayrasichi namoota 178 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 12, 906 ga’eera.

Guyyaa har’aa lubbuun namoota 2 yoo darbu, Waliigala Lubbuun namoota 103 darbeera.

Namoonni haaraan 96 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 7750 dandamataniiru.

Namoonni18 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 5053 ta’uu biirichi ifoomseera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 197,967 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.