Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 73 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 8, 2013 (FBC) –Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 73 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.
Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 1497 hojjetameen vaayrasichi namoota73 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.
Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 9602 ga’eera.
waliigala Lubbuun namoota 67 darbeera.
Namoonni haaraan 68 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 4801 dandamataniiru.
Namoonni 3 wallaansa cimaa keessatti argamu.
Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 4732 ta’uu biirichi ifoomseera.
Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 181218 gaggeeffameera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.