Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti galiin Birrii biiliyoona 47 ol waliitti qabame

Finfinnee, Amajjii 9, 2016 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti baatiiwwan shanan darbanitti galiin Birrii biiliyoona 47.72 walitti qabamuun ibsame.

Naannichatti bara bajatichatti galii Birrii biiliyoona 144 walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuun ibsameera.

Haaluma kanaan, baatiiwwaan 5’n darbanitti galiin Birrii biiliyoona 47.72 walitti qabameera.

Bu’uraalee misoomaa babal’isuun fayyadamummaa lammiilee sadarkaa olaanaan mirkaneessuuf galiin mootummaa yeroon sassaabamuun barbachisaa ta’uunis eeraameera.

Akka Oromiyaattis jijjiiramaan asitti galii naannichaa guddisuuf hojii hojjetameen galii keessoon baasii naannichaa guutuutti uwwisuuf hojjetamaa jiraachuun ibsamuu ragaan Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.