Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti guyyaa boruu hojiin misooma sululaa ni eegalama

Finfinnee, Amajjii 4, 2014 (FBC) – Oromiyaatti guyyaa boruu hojiin misooma sululaa mata duree ‘Oromiyaa qabeenya uumamaan badhaate dhaloota yaa dhaalchifnu’ jedhuun ni eegalama jedhame.
Hogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa hojii misoomaa sululaa fi nageenya naannichaa ilaalchisee ibsa laataniiru.
Oromiyaatti guyyaa boruu hojiin misooma sululaa mata duree ‘Oromiyaa qabeenya uumamaan badhaate dhaloota yaa dhaalchifnu’ jedhuun kan eegalu ta’uu ibsaniiru.
Hojiin Oomisha walitti qabuu milkiin xumuramaa jiraachuu kaasaniiru.
Bara Oomishaa 2013/2014’tti Akka Naannoo Oromiyaa lafa hektaara miliyoona 6.3 Sanyiiwwan Midhaaniin uwwifame keessaa lafa hektaara 5.8 irra oomishni walitti qabameeraa jedhame.
Bara kana marsaa 1ffaadhaan qamadii jallisiidhaan lafa hektaara kuma 350 irratti misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa jira jedhaniiru.
Yeroo ammaas karooricha keessaa %86 galma gaheera jedhan.
Aadaan waggaatti yeroo 2 ol oomishuu naannoo Oromiyaa keessatti galma gahaa jiraachuu eeraniirn.
Sosochiin hojii misoomaa Oromiyaa keessatti taasifamaa jiru Naannoorra darbee akka biyyaattis faayidaa ol aanaa qaba jedhame.
Gama misooma sululatiin ammoo boruu Amajjii 5 bara 2014 irraa eegalee duulaan guyyoota 60’f kan itti fufu taha jedhaniiru Obbo Haayiluun.
Akka Naannoo Oromiyaatti Sulula 6,448 misoomsuuf karoorfameera hojiin misooma Sululaa kun lafa hektaara miliyoona 2.5 ol kan uwwisu ta’as jedhameera.
Daagaa hidhuudhaan godinaalee Oromiyaa muuxannoo gahaa qaban Harargee lamaan irraa Godinaalee Oromiyaa biroof akka qoodamus taasifamaa jira.
Qonnaan Bultoonni Godina Harargee lameen irraa walitti babbahan Godinaalee birootti socho’uudhaan muuxannoo akka qoodan ni taasifamas jedhame.
Gama nageenyaatiinis uummanni gurmaa’ee qe’eefi naannoo isaa akka eeggatu taasifameera.
Kanaanis nageenyi waaraa akka mirkanaa’u taasifameera.
Waamicha nagaa Abbootii Gadaa fi Haadholii siiqqeetiin qaamota hidhatanii socho’aniif taasifameen Dargaggoonnii 312 tahan karaa nagaadhaan hawaasatti makamaniiru.
Godinaalee Hongeen mudate Godina Booranaatti lammiileen kumni dhibbi 1 fi 66 akkasumas Baalee Bahaatti lammiileen kuma dhibba 2 fi 36 deeggarsa namoomaa atattamaa akka barbaadan Obbo Haayiluun ibsaniiru.
Deeggarsa Mootummaa namaa fi beelladaaf taasisaa jiru gahaa waan hin taaneef ammas hawaasni bal’aniifi dhaabbileen deeggartootaa deeggarsa taasisan jabeessanii akka itti fufan waamicha taasisaniiru.
Yaaddessaa Geetaachootu Gabaase.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.