Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti namoonni dabalata 74 vaayrasii koroonaatin qabaman

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2013 (FBC)-Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 74 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 434 hojjetameen vaayrasichi namoota 74 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 16,619 ga’eera.

Waliigala Lubbuun namoota 153 darbeera.

Namoonni haaraan 127 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 10651 dandamataniiru.

Namoonni 34 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 5815 ta’uu biirichi ifoomseera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 217740 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.