Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti namoonni miiliyoonni 20  fayyadamtoota Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 27, 2015(FBC)- Naannoo Oromiyaatti namoonni miiliyoonni 20  fayyadamtoota Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa ta’uu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise.

Biirichi  sagantaa sosochii karoora Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa bara 2015 aanaalee fi magaalota hirmaachise godinaaleefi magaaloota keessatti gaggeessaa jira.

Kaayyoon konfiransichaa uummanni naannichaa Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa fayyadamuun tajaajila fayyaa dhiyeenyatti akka argatu taasisuu ta’uu eerameera.

Naannichatti yeroo ammaa sagantaan Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa aanaalee 338 keessatti hojiirra ooluu biirichi addeesseera.

Akka naannichaatti miseenssota hawaasaa miiliyoona 4.2 horachuun maatii miiliyoona 20 fayyadamtoota sagantichaa taasisuun danda’amuu ibsameera.

Bara 2015’tti baayyina miseensa sagantichaa gara miiliyoona 5.2 guddisuun miseensota maatii miiliyoona 25 fayyadamtoota taasisuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsamuu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.