Fana: At a Speed of Life!

Paarkiiwwan bashannanaa 24 ummataaf banaa ta’uufi

Finfinnee, Amajjii 13, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti kan argaman paarkiiwwan bashannanaa 24 ummataaf banaa ta’ufi jedhame.

Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiiner Takkaalaa Uumaa tajaajilaa uummataf banaa kan ta’e paarkii Faransaayii daawwataniiru.

Magaalichatti kan argaman paarkiiwwan bashanaanaa uummataa haroomsa irra jiran taajajilaa guutuu akka laataniif haala mijataa uumuu fi bu’uraalee misoomaa guutuu cinaatti tajaajilaaf banaa akka ta’aan murta’eera.

Iddoowwaan bashannanaa kanneen jiraattoonni magaalichaa kaffaltii malee itti fayyadamuu akka danda’an himameera.

Daawwii isaaniin ijaarsi daandii paarkii Faransaayii hanga Faransaayi Aabbootti jiru waggaa tokko keessatti kan xumuramu ta’uu Injiiner Takkaalaan himuu isaanii ragaan waajjira kaantibaa magaalichaarraa argame ni agarsiisa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.