Fana: At a Speed of Life!

Paarkiiwwan Indaastirii Qonnaa Qindaa’aan galii Doolara miiliyoona 2.1 argamsiisuun ibsame

Finfinnee, Guraandhala 1, 2016 (FBC)- Paarkiiwwan Indaastirii Qonnaa Qindaa’aan galii Doolara miiliyoona 2.1 argamsiisuu Ministeerri Indaastirii beeksise.

Itti Gaafatamaan Deskii Paarkii Indaastirii Qonnaa Ministeerichaa Obbo Heenook Abbaabaan, baatiiwwan ja’an darbanitti dhaabbileen Paarkiiwwan Indaastirii Qonnaa Qindaa’aa jalatti omishuu eegalaan oomishalee isaanii gabaa alaaf dhiyeesuu ibsan.

Haaluma kanaan Zayiita Avokaadoo, fi Daakuu Atara Boonsitu gabaa alaaf dhiyeessuun sharafa alaa argamsiisuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Omishaa Avokaadoo qindeessuun walqabatee faddaaltoonni gidduu seenuun, waqtiin oomishichaa fi dhiyeessii humna elektirikii akkasumas rakkooleen nageenyaa dhiibbaa uumuu kaasaniiru.

Fuuldurattis rakkoolee ka’an hambisuuf labsii qonna kontiraataa Ministeeraa Qonnaan ba’e bu’uureffachuun fuuncaa dhiyeessii galtee cimsuu, dandeettii oomishuu indaastiriiwwanii dabaluuf deeggarsa barbaachisaa taasisuuf karoorfamuu dubbataniiru.

Rakkoo dhiyeessii humna elektirikii furuufis qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuun sharafa alaa Paarkiiwwan Indaastirii Qonnaa Qindaa’aan argamsiisan guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.