Fana: At a Speed of Life!

Paartileen Morkattootaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa daawwatan

Finfinnee, Bitootessa 22, 2016 (FBC)-Bakka Bu’oonni Paartilee Morkattootaa naannawaa biyyattii garaagaraarra baba’an Yaadannoo Injifannoo Adwaa daawwataniiru.

Daawwannichaan boodas kaayyoo fi sadarkaa misooma Kooriidarii Magaalaa Finfinnee ilaalchisee bakka bu’oota Paartilee Morkattootaaf ibsi kennameera.

Yaadannoo Injifannoo Adwaa dhaloota ittaanuuf hambaa dhaabbii ta’ee ijaaramuun akka isaan gammachiise kan kaasan daawwattoonni, seenaa waloo kan agarsiisu, tokkummaa kan cimsuu pirojektii olaanaa ta’uu himan.

Kaayyoon misooma Kooriidarii, Magaalattii miidhagsuuf ta’uu ibsuun, komii kaafamtoota misomaarraa ka’an hoggansi olaanoon dhaggeeffachuun deebi’ii kennaa jiraachuu eeruun kunis ammallee cimee akka itti fufu hubachiisaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.