Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Saahilaqwarqi xalayaa muudamaa Ambaasaaddaroota 11 fuudhan

Finfinnee, Fulbaana 19, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudee waajjira isaaniitti xalayaa muudamaa Ityoophiyaatti Ambaasaaddaroota biyyoota 11 fuudhaniiru.

Ambaasaaddaroota Iraan, Beeljiyam, Noorwey, Niijeer, Ostiriyaa, Biraaziil, Kuweet, Saa’ud Arabiyaa, Poorchugaal, Seneegaalii fi Rippaabilikaanii Doominikaan ta’uun eerameera.

Pireezidaanti Saahilawarqi Ambaasaaddarootaa xalayaa muudama isaanii dhiyeessan waliin, Ityoophiyaa fi biyyoota isaanii gidduu hariiroo cimsuuf haalota dandeessisan irratti mari’achuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.