Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Saahilawarqi kallattiiwwan xiyyeeffannoo bara 2015 manneen mareef akeekan

Finfinnee, Fulbaana 30, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudeen bara 2015tti kallattiiwwan xiyyeeffannoo mootummaa Mana Mare Federeeshinii Fi Mana Maree Bakka Bu’ootaa Ummataaf akeekan.

Sirna baniinsaa manneen maree lameeniirratti haasawaa taasisaniin, kallattiiwwan xiyyeeffannoo Hawaas-dinagdee fi siyaasaa akeekaniiru.

Haaluma kanaan milkaa’inaalee jiran cimsuun, hanqinaalee jiran qajeelchaa adeemuun murteessaadha jedhan.

Keessumaa gama siayaasaan mootummaan ABUT waliin marii nageenyaa gaggeessuun tattaffii cimaa akka gaafatu eeranii, kunis akkaataa faayidaa biyyattii mirkaneesseen ta’uu akka qabu ibsan.

Kana malees garaagraummaa jiruu furuuf 2015’tti hojiilee Komishiinii Marii Biyyaalessaa itti fufsiisuun nageenya waaraa mirkaneessuuf akka hojjetamuu himaniiru.

Misooma itti fufsiisuu fi rakkoolee hawaas-dinagdee furuun guddina gama maraa mirkaneessuuf xiyyeeffaannaan ni hojjetamas jedhan.

Hanga ammaattii hojiileen Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaarratti hojjetaman bu’aa olaanaa argamsiisuu eeruun, hojiin ijaarsa hidhichaa yeroo qabame keessatti akka xumuramu, kanaan walqabatee mariiwwan gaggeeffaman karaa haqa qabeessan akka itti fufan himaniiru.

Dabalataanis, Ityoophiyaan buufata invastimantii akka taatuuf hojiiwwan bal’aan kan hojjetaman ta’uu ibsaniiru.

Hojiileen bufataalee hawwata tuuriizimii misoomsuu eegalaman bal’inaan gaggeeffamuun ijaarsaa diinagdee biyyaaf akka gumaachuu fi hawwattummaa invastimantii dabaluuf akka hojjetamuu dubbataniiru.

Bulchiinsa invastimantiin, hojii ijaarsa pirojektoota dhaabbilee misoomaa mootummaa eegalamanii xumuruuf xiyyeeffannoon kennameera jedhan.

Damee hawaasummaan dhaabbilee fayyaa fi barnootaa sababa waraanaan mancaa’aan deebisaanii dhaabuun dhimma yeroo hinkennisiisne waan ta’eef, hawaasa hirmaachisuu fi tumsa mootummaatiin hojiin dhaabbilee kanneen tajaajila eegalchiisuu fi deebisaanii dhaabuu akka gaggeeffamuu ibsaniiru.

Kanaan walqabatee deeggarsi namoomaa cimee akka itti fufuu Pireezidaanti Saahilawarqi ibsaniiru.

Gama biraatiin hojiilee dippilomaasiin Ityoophiyaan biyyoota ollaa ishee waliin bu’uuraalee misoomaa, daldala, aadaa, afaaniin, hariiroo cimaa kan qabduu ta’uu kaasanii ammas taanaan hariiroon dippilomaasii ollummaa cimsuu cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.

Ityoophiyaan Sagantaa Ashaaraa Magariisaa eegalte biyyoota ollaatti babal’isuuf sagantaalee garaagaraa gaggeessaa jiraachuu ibsanii, naannawichaatti misooma galmeessaa jirtu cimsite itti fufuun biyyoonni ollaashees fayyadamoo akka ta’an ni hojjetti jedhan.

Riifoormii dhaabbatummaa itti fufsiisuu, bulchiinsa gaarii mirkaneessuu, galii biyyaa maddisiisuun xiyyeeffannaa bara 2015 ta’uu himanii, keessumaa qaala’iinsa gatii dabalaa dhufe tasgabbeessuuf dhiyeessii dabaluu, fuuncaa daldalaa ammayyeessuu, galii cimsuu, dhiibbaa qaala’iinsa jireenyaa hir’isuun xiyyeeffannaa mootummaa isaan ijoo ta’uu dubbataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.