Fana: At a Speed of Life!

Piriimaayeer Liigii Ingilaandiin Maanchiisteer yoo injifatu, Tootanihaam injifatame

Finfinnee, Caamsaa 12, 2015 (FBC) – Taphoota Piriimaayeer Liigii Ingilaandi torbee 37ffaa har’a waaree booda taphatameen Maanchiisteer Yuunaayitiid Boornimaawuz injifachuun carraa hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii bal’ifate.

Tootanihaam Bireentifoordiin goolii 3 fi 1n injifatamuun carraa hirmaannaa Liigii Awurooppaa yaaddoo keessa galcheera.

Liivarpuulis Astoon Viillaa waliin qixa xumuruun carraa hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa qabu dhiphiseera.

Yaaddoo gara liigii gadiitti bu’uu keessa kan jiru Eevartanis Woolvarhampiton waliin goolii 1 qixa xumureera.

Fuulhaam Kiristaal Paalaas waliin goolii 2 qixa ba’eera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.