Fana: At a Speed of Life!

Poolisiin federaalaa ogummaa intalajansii poolisummaan ogeeyyii leenjisaa ture eebisiise

Finfinnee, Caamsaa 19, 2014 (FBC) -Poolisiin Federaalaa ogummaa intalajansii poolisummaan hoggantootaa fi miseensota poolisii leenjisaa ture eebisiiseera.

Dhaabbatichi Yunvarsiitii Koolleejjii Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaa waliin ta’uun, ittisaa fi qorannoo yakkaarratti miseensota poolisii fi hoggantootaa leenjisaa ture eebbisiiseera.

Preezdaantiin Yunvarsiitii Poolisii Ityoophiyaa Itti aanaan Komishinara Jeneraalaa Masfiin Abbabaa, eebbifamtoonni qajeelfama hojii fudhachuun hanqinoota jiran akka guutanii fi nageenya ummataa akka mirkaneessaniif, dirqama kamiifiyyuu qophii ta’uun naamusa poolisummaa cimaadhaan akka hojjetan amantaa qaban ibsaniiru.

Dandeettii hojii %25 guddisuun , waliinga’iinsaa jiru akka fooyyessan hubachiisaniiru.

Sirna eebbaa kanarratti hoggantooni olaanoo Koolleejjii Yuunvarsitii Tikaa Fi Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa, Komishinaroonni Poolisii Federaalaa fi keessummoonni waamichi dhiyaateef biroon hirmaachuu isaanii ragaan Poolisii Federaalaarra argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.