Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Faarmaajoon hariiroo Ityoophiyaa fi Soomaaliyaa cimsuuf akka hojjetan ibsan

Finfinnee, Eebila 25, 2013 (FBC) – Soomaaliyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Abdulfattaa Abdullaayii xalayaa muudamaa isaanii preezdaantii Soomaaliyaa Mahaammad Faarmaajoof dhiyeessaniiru.

Wayita kanaas preezdaant Faarmaajoon hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf akka hojjetan  beeksisaniiru.

Kanarra darbees tumsa naannoo fi immaammataa cimsuuf akka hojjetan himaniiru.

Ambaasaaddar Abdulfattaa Abdullaayiin wayita xalaayaa muudamaa isaanii dhiyeessanitti ergaa preezdaant Saahilawarq Zaawdeerra ergamee preezdaant Mahaammad Faarmaajoof laataniiru.

Ambaasaaddarichi hariiroo Ityoophiyaa fi Soomaaliyaa cimsuun barbaachisaa ta’uu fi birmadummaa  biyyattii eegsisuuf murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.