Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Saahilawarq Iid sababeeffachuun hordoftoota amantaa Islaamaa harka qalleeyyii ta’aniif deeggarsa taasiisan

Finfinnee, Caamsaa 2, 2013 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen Ayyaana Iid sababeeffachuun hordoftoota amantaa Islaamaa harka qalleeyyii ta’aniif deeggarsa taasiisaniiru.
Preezdaant Saahilawarq Ayyaana Iid torbee kana kabajamuuf kan oolu midhaan nyaataa garaagaraa hordoftoota amantaa Islaamaa harka qalleeyyii ta’aniif deeggarsa taasiisaniiru.
Deeggarsicha mooraa mana maree dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaatti argamuun laataniiru.
Preezdaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa Hajii Muuftii Umar Indiriis deeggarsa Preezdaant Saahilawarq taasiisan galateeffataniiru.
Preezdaant Saahilawarq bara darbes Ramadaanaa sababeeffachuun naannoo Massaalamaa iddoo barandaa Midhaanii jedhamuun beekkamutti deeggarsa walfakkaatu taasiisuun isaanii kan yaadatamuudha.
Maddi:-TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.