Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Saahilawarq, Maayik Poompiyoo waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 10, 2012 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Maayik Poompiyoo waliin mari’atan.
 
Ministir deettaan Ministeera Dhimma Alaa FDRI Ambaasaaddar Reedwaan Huseen marichaan booda akka jedhanitti, preezdaant Saahilawarqii fi Maayik Poompiyoon dhimmoota hariiroo biyyoota lamaaniirratti mari’ataniiru.
 
Riifoormii Ityoophiyaatti gaggeeffamaa jirurratti kan mari’atan yammuu ta’u, Ameerikaan tumsa taasistu kan itti fuftu ta’uu eeran.
 
Daldalaa fi invastimantiirrattis dhaabbileen Ameerikaa ba’inaan Ityoophiyaatti akka bobba’an preezdaant Saahilawarq gaafataniiru.
 
Nageenya naannoorratti ga’ee Ityoophiyaa kan dinqisiifatan ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maayik Poompiyoon, Ameerikaan sochicha kan deeggartu ta’uu himan.
 
Ministirichi daawwii hojiitif eda Ameerikaa kan galan yammuu ta’u, hoggantoota addaddaa waliin ni mari’atu jedhameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.