Fana: At a Speed of Life!

Proojaktoonni haaraa magaalotatti jijjiirrama fiduu danda’an 12 hojiirra oolufi

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2012 (FBC) – Proojaktoonni haaraa magaalotatti jijjiirrama fiduu danda’an 12 hojiirra oolufi.
 
Ministirri Ministeera Misooma Magaalaa fi Koonistiraakshinii Injiinar Ayishaa Mahaammad akka beeksisanitti magaalota Ityoophiyaatti jijjiirrama dabalataa galmeessisuuf proojaktoonni haaraan 12 hojiirra ni oolu.
 
Jilli Ityoophiyaa Injiinar Ayishaatin duurfamu fooramii magaalota addunyaa 10ffaa Emmireetota Arabaa Gamtooman, Abudaabiitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jira.
 
Injiinar Ayshaan kaleessa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti daayreektara olaantuu Dhaabbata Misooma Magaalotaa(“UN Habitat”) Maaymuunaa Muhaammad Shariif waliin mari’ataniiru.
 
Injiinar Ayshaan Ityoophiyaan jijjiirrama magaalotaatif proojaktoota haaraa 12 hojiirra oolchuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.
 
Proojaktoonni kanneenis karoora misooma magaalotaa waggaa 10 milkeessuuf ga’ee ni qabaatu jedhan.
 
Daayreektarittiinis dhaabbanni isaanii damichaaf tumsa barbaachisaa kan taasisu ta’uu ibsaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.