Fana: At a Speed of Life!

Qaamolee dhiyeessaa fi Rabsa boba’aa gufachiisanirratti tarkaanfii kan fudhatu ta’uu abbaan taayitichaa akeekkachiise

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2014 (FBC) – Qaamolee dhiyeessaa fi Rabsa boba’aa gufachiisanirratti tarkaanfii kan fudhatu ta’uu Abbaan Taayitaa To’annoo Boba’aa fi Injarjii ibse.
Guyyaan boba’aan Liitirri miiliyoonni 9 ol gara biyyaa seenaa jiraatus fayyadamtoota bira yeroon ga’aa akka hin jirre abbaan taayitichaa himeera.
Bootteewwan dhaabbilee dhiyeessa Boba’aa fe’an daandirra turuun rakkoo uumaa jiraachuu Abbaa Taayitaa To’annoo Boba’aa fi Inarjiitti daayreektarri qorannoo Istaandaridii boba’aa Obbo Lammeessaa Tulluun himaniiru.
Konkolaattoonni kunneen daandirra turuun isaanii yaada dogongoraa boba’aan har’a caalaa boru ni dabala jedhuun bu’aa hin malle argachuuf ta’uu dubbataniiru.
Dhaabbileen dhiyeessa Boba’aarratti rakkoo uumaa jiran kunneen gochicharraa yoo of hin qusanne tarkaanfiin kuusaa Boba’aa saamsuu hanga eeyyama isaanii haquu kan irratti fudhatamu ta’uu Obbo Lammeessan hubachiisaniiru.
Boba’aan yeroon tajaajilamaaf akka qaqqabu adeemsa imalchiisa isaarratti Biiroolee Daldalaa naannolee waliin ta’uun hojiin to’annoo fi hordoffii hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Fayyadamtoonnis gama isaaniin baatii itti aanu boba’aan ni dabala yaada jedhuun boba’aa Barmeelaa fi Roottootti dhoksuu fi kuusaa jiraachuu isaanii bira ga’amuu eeraniiru.
Dhaabbileen Buufata boba’aa hedduu qaban tokko qofaan tajaajila kennuun, kan biroon tajaajila kennuu dhabuun isaanii rakkoo ta’uu Obbo Lammeessan eeraniiru.
Sadarkaa biyyaatti Buufataaleen boba’aa kumni 1 fi 200 ol jiraachuu kan eeran Obbo Lammeessan, haalli raabsaa fi dhiyeessaa haqa qabeessa akka ta’u Biirooleen Daldalaa iddoo jiranitti to’annoo taasiisuu akka qaban waamicha dhiyeessuu isaanii EBCn gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.