Fana: At a Speed of Life!

Qaamolee Nageenyaa naannoo Afaaritti argamanii fi lammiilee buqqa’aniif deeggarsi Birrii miiliyoona 8.9 taasiifame

Finfinnee, Amajjii 9, 2014 (FBC) – Raayyaa Ittisa Biyyaa, Humni Addaa fi Qaamolee Nageenyaa naannoo Afaaritti argamanii fi lammiilee buqqa’aniif deeggarsi Birrii miiliyoona 8.9 taasiifameera.
Ministeera Aadaa fi Ispoortii dhaabbilee waamamtootaa waliin ta’uun qaamolee nageenyaa naannoo Afaaritti ergamarratti argamaniif deeggarsa Birii miiliyoona 5.3 taasiisaniiru.
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee ammoo lammiilee naannoo Afaaritti sababa weerara garee shororkeessaan miidhamanii fi humna addaa naannichaaf deeggarsa akaakuu Birrii miiliyoona 3.6 taasiiseera.
Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii obbo Qajeelaa Mardaasaa fi Af Yaa’iin Mana Maree Magaalaa Finfinnee Muuziinaa Abduurqaadir deeggarsicha Af Yaa’ii Mana Maree naannoo Afaar Asiiyaa Kamaaliin laataniiru.
Af Yaa’iin Mana Maree Naannoo Afaar deeggarsa taasiifameef maqaa mootummaa fi ummata naannichaan galateeffachuu ragaan Ministeera Aadaa fi Ispoortii fi Miidiyaa naannoo Afaarirraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.