Fana: At a Speed of Life!

Qaamoolee naannoo keenyaatti walitti bu’iinsaan daldalan waliin yaa ittisnu –MM Dooktar Abiy

Finfinnee,Adoolessa 10, 2012 (FBC) –Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad qaamoolee walitti bu’iinsaan daldalan ittisuuf waliin yaa hojjenu jechuun waamicha dhiyeesseen.
 
Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad dhimmoota haala yeroorratti ibsa laataniiru.
 
Dooktara Abiy ibsa Faanaa Broodkaastiing Koorporeetiif erganiin daldaltoota badii naannoo keenyatti argaman waliin yaa ittifnu jedhaniiru.
 
Torbee darbe ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa hordofuun jeequmsa uummameen miidhaan guddaan lubbuu fi qabeenyarra ga’uu isaa ibsa isaaniin eeraniiru.
 
Qabeenyi qaama dhuunfaa, ummataa fi mootummaa miiliyoonotaatti lakkaawwamu barbadaa’uu ibsichaan himaniiru.
 
Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad gaga’ama lubbuu qaalirra ga’eef gaddi onnee camse itti dhaga’amuu ibsaniiru.
 
Mootummaan hawaasa waliin ta’uun qaamolee miidhaman deebisee dhaabuuf ni hojjeta jedhan ibsa isaaniin.
 
Adeemsi yakkamtootaa seeraatti dhiyeessuu fi olaantummaa seeraa kabachisuu kan itti fufu ta’uu himaniiru.
 
Sirna siyyaasaa kallattiirraa maqe, aadaa siyyaasaa fi ilaalcha isaa bifa haaraan jijjiiruun barbaachisaa ta’uu ibsichaan hubachiisaniiru.
 
Hariiroo dhaabbilee fi afaan siyyaasa keenyaa jijjiiruun barbaachisaadha jedhan.
 
Yoo kana gochuu dandeenye akka biyyaatti itti fufuu fi imala badhaadhina yaadnutti ce’uu dandeenya jedhan.
 
Dhumaatiin loonii qonnaan bulaaf gadda ta’us Waraabeessaaf garuu gammachuudha jedhan.
 
Dhumaatiin Lukkuu abbaaf kisaaraa ta’us haatuuf ammoo bu’aadha jedhan Dooktar Abiy ibsa isaaniin.
 
Walitti bu’iinsi makoodoota lamaa adeerree isaan adamsuuf kennaadha.
 
Nu gidduutti walitti bu’iinsa uumuun daldaltoonni bu’aa olaanaa argatan dhiyeenya keenyaa fi fagoos kan jiran ta’uu hubachuu qabna jedhan.
 
Walitti bu’iinsa keenyaan qaamoleen bu’aa argatan jiraachuu isaanii ifaadha.
 
Fanjiin walitti bu’iinsaa maal akka ta’e, eessatti akka awwaallame, eenyu akka awwaalee beekuun ga’ee qaama tokkoo qofa osoo hin taane kan qaama hundaati jedhan.
 
Yeroo kun yeroo morma keenya akka guchii cirracha keessa dhoksuun furmaata itti argannuu miti jedhan Dooktar Abiy ibsa isaaniin.
 
Qaamoolee badii adda dura dhaabbachuun yoo hin mormine balaan ga’u ittuma fufa jedhan.
 
Ibiddi har’a ollaa keenyatti qabate boruu balbala keenyas tuquun isaa kan ooluu miti.
 
Akka qoraanii tokko tokkoon gumachuurra waliin ta’uun ibidda qabate dhaamsutti filatamaadha jedhan.
 
Qaamoleen ibidda qabsiisaan eenyu akka ta’aniif kanneen qoraan itti dabaluun laboobichi akka cimu taasisan kam akka ta’an adda baasuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
 
Mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuuf yeroo kamiiyyuu caalaa murannoo qaba jedhan.
 
Rakkoo amma uummame furuuf qaamni hundi ga’ee isaanii ba’uu akka qabanis waamicha dhiyeessaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.