Fana: At a Speed of Life!

Qabeenya beeyladaarraa bu’aan barbaadame hinargamne-Ministeericha

Finfinnee, Hagayya 11, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan qabeenya beeyladaa olaanaa qabaattus hamma barbaadamu bu’aa akka hinargamsiisne Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa naannawaa beeksise.

Haaluma kanaan, bara 2014 qabeenya beeyladaan Doolaara miiliyoona 54 argachuuf karoorfamee turuu fi galiin argame garuu Doolaara miiliyoona 28 qofaa ta’uun ibsameera.

Ministeerichi rakkoolee damechaa furuuf alergitoota beeyladaa waliin mari’ateera.

Maricharratti Deetaan Ministiraa Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Kaasaahuun Gofee, damechi hamma barbaadamuu biyyatti fayyadaa akka hinjirree kaasuun, rakkoolee jiran furuuf qaamoleen hundi kallatti furmaataarratti hojjechuu qabu jedhaniiru.

Damechaan bara 2015tti galii Doolaara miiliyoona 46 argachuuf karoorfamus, raawwiin baatii Adoolessaa wayiita ilaalamu ammallee duubatti hafaa ta’uun ibsameera.

Manni hojichaas rakkoolee mul’atan qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin furuuf qindoominaan hojjechaa jiras jedhan.

Daldala kontiroobaandii olaanaa ittisuuf Komsihinii Gumurukaa fi Poolisii Federaalaa waliin hojjechaa jiraachu Obbo Kaasaahuun ibsaniiru.

Ityoophiyaan qabeenyaa beeyladootaan addunyaarraa sadarkaa 10ffa, Afrikaarraa sadarkaa 1ffaarratti akka argamtu ragaaleen ni mul’isau.

Zaman Bayyanaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.