Fana: At a Speed of Life!

Qabeenyaa fi maallaqa mootummaa qisaasame deebisiisuuf qindoominaan hojjechuutu barbaachisa – BMO

Finfinnee, Caamsaa 29, 2015 (FBC) – Qabeenyaa fi maallaqa mootummaa qisaasame deebisiisuuf qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu Biiroo Maallaqaa Oromiyaa beeksiseera.

Biirich “Biittaa karooraan gaggeessuun bu’aa qabeessummaa bulchiinsa qabeenyaa guddisuu” mata duree jedhuun leenjii qopheesse magaalaa Ambootti qooda fudhattootaf laateera.

Qooda fudhattoonni bittaa karoorarratti hundaa’e raawwachuu fi qabeenyaa bitan sirnaan kunuunsuu fi bulchuu akka qaban labsiin tumamuusaa Gorsaan Hogganaa Biiroo maallaqaa naannoo Oromiyaa Elemaa Qaamphee dubbataniiru.

Qabeenya baasii olaanaa itti bahe qisaasamaarraa baraaruuf qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Qabeenyonni mootummaa tajaajila malee yeroo dheeraa taa’uunsaaniin manca’aa jiraachuu himaniiru.

Hojmaatilee bittaa fi bulchiinsa qabeenyaaf gufuu ta’an fooyyessuun furmaanni waaraan kennamuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Hirmaattoonnii fi qooda fudhattoonni Aanaalee godinaalee Wallagga arfan irraa walitti babaa’an 610 leenjii kanarratti hirmaachuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.