Fana: At a Speed of Life!

Qajeelfamni tarsiimoo ittisa malaanmaltummaa qaamolee haqaa ragga’e

Finfinnee, Hagayya 9, 2014 (FBC) – Yaa’iin Bulchiinsaa Abbootii Murtii Federaalaa qajeelfama tarsiimoo ittisaa fi to’annoo malaanmaltummaa qaamolee haqaa manneen murtii federaalaa raggasise.

Yaa’ichi har’a walga’ii idilee gaggeesseen qajeelfamaa tarsiimoo ittisaa malaanmaltummaa kana kan raggaasise.

Qabiyyee seeraa hojmaata manneen murtii federaalaa, gurmaa’inaa fi tarsiimoo diriirsuun akkasumas, qaamolee aangoo seera qabeessa qaban waliin hojmaata qindeessuu diriirsuun, walabummaa abbootii murtii guutummaatti haala mirkaneesseen, gochaalee malaanmaltummaa qaamolee haqaa raawwatan, ittigaafatamummaa abbootii murtii fi muudamtoota yaa’ichaa mirkaneessuuf yaadamee yaa’ichaan ragga’uu ragaan yaa’icharraa argame ni argisiisa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.