Fana: At a Speed of Life!

Qindeessummaa Misiyoonoota Barliinii fi Firaankifartiin proojektoota biyyaalessaaf Birrii miiliyoonni 41 walitti qabame

Finfinnee, Eebila 19, 2013 (FBC) – Qindeessummaa Misiyoonoota Barliinii fi Firaankifartiin proojektoota biyyaalessaaf deeggarsi Birrii miiliyoonni 41 walitti qabamuu ibsame.
Ejansiin Diyaaspooraa Ityoophiyaa miseensota Diyaaspooraa Jarman Barliinii fi Firaankifarti, Rippaablika Cheek, Poolaand, Yuukireenii fi Isloovaak keessa jiraatan waliin ta’uun baatiwwan salgan darbanitti Proojektoota biyyaalessaaf deeggarsa birrii Miiliyoona 41 ol walitti qabaniiru.
Hayyoonni miseensota Diyaaspooraa beekkumsa qabaniin Ejansii Diyaaspooraa Ityoophiyaa waliin ta’uun ijaarsa biyyaaf gumacha irraa eegumu taasiisuu akka qaban itti aanaa olaanaan Daayreektara Ejansichaa Dooktar Mahaammad Indiriis gaafataniiru.
Ammaan booda Ityoophiyaa wanti duudatti deebisu kan hin jirre ta’uu kan ibsan Jarmanitti ergamtuun addaa Ityoophiyaa Ambaasaaddar Muluu Salamoon Mootummaa fi Ummanni biyyattii tokkummaan rakkoo isaan quunnaman hunda ce’uu akka danda’an dubbachuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.