Fana: At a Speed of Life!

Qindoominni Humnoota Federaaliistii Ityoophiyaa filannoon dheereffamuu kan deeggaru ta’uu beeksise

Finfinnee, Caamsaa 6, 2012 (FBC) – Qindoominni Humnoota Federaaliistii Ityoophiyaa filannoon 2020 dheereffamuu kan deeggaru ta’uu beeksise.
 
Qindoominichi yaa’ii Maqalee fi waltajjiiwwan biroorratti filannoon yeroo kaa’ameen gaggeeffamuu akka qabu ibsaa turuu yaadachiisera.
 
Yaata’uutii murtichi ammatti sirrii akka hin taane hubachuun dheereffamuu kan deeggaru ta’uu ibseera.
 
Qindoominichi waltajjii ariifachiisaasaa magaalaa Finfinneetti gaggeessera.
 
Weerarri vaayrasii koroonaa Ityoophiyaarra darbee dhimma sodaa fayyaa, hawaasummaa fi diinagdee addunyaa waan ta’eef, ammatti dhiphachuun kan nurra jiru lubbuu lammiilee baraaruurratti jedheera.
 
Qindoominichi mirga lammiileef malee, fedhii gartuu kamiituu raawwachiisufii miti jedheera.
 
Ijaarsi Hidha Haaromsaa akkaataa karooratiin akka hojjetamu, ummannis tumsuu akka qabu dhaamameera.
 
Humnichi waajjirasaa Finfinneetti banuu beeksiseera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
Haaylamikaa’eel Deebisaatu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.