Fana: At a Speed of Life!

Qindoominni qaamolee haqaa fi hawaasaa lafee dugdaa gochaalee malaanmaltummaa saaxiluuti-KNFMO

Finfinnee, Hagayya 3, 2014 (FBC) – Qindoominni qaamolee haqaa fi hawaasaa lafee dugdaa gochaalee malaanmaltummaa saaxiluu ta’uu Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaanmaltummaa Oromiyaa ibse.

Waltajjiin qorannoo gochaa malaanmaltummaa akka Naannoo Oromiyaatti Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamuu eegaleera.

Sagantichi walta’iinsa Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa fi Komishinii Naamusaa fi Farra Malaanmaltummaa Oromiyaan kan qophaa’e ta’uun ibsameera.

Itti Aantuun Komishinaraa Komishinii Naamusaa fi Farra Malaanmaltummaa Oromiyaa Komishinar Abbaayinash Tafarraa haasawaa taasisaniin, kaayyoo hundeeffama koomishinichaa milkeessuuf, qindoominni qaamolee haqaa fi eeruun hawaasaa gochaalee malaanmaltummaa saaxiluuf lafee dugdaa hojichaa ta’uu dubbataniiru.

Waltajjicharratti qaamolee haqaa dabalatee ogeeyyiin yuunivarsiitiwwaaniirraa walitti baba’anii fi qooda fudhattoonni biroon hirmaachaa jiru.

Iddoosaa Abdiitu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.